Shawaa Bahaa | |||
| |||
File:Godinaalee Oromiyaa.png Godinaalee Oromiyaa | |||
Biyya: | Itoophiyaa | ||
Naannoo: | Oromiyaa | ||
Magaalaa Guddaa: | Adaamaa | ||
Baayyina ummataa: | 2,475,945 | ||
Tuuta'insa ummataa: | 181.73 |
Shawaa Bahaa (East Shewa) godinaalee kudhan-lamaan Oromiyaa keessaa tokko yoo tatu, maqaa kanas kan argatte kutaa bulchinsa Shawaa durii irratti.
Shawaan Baha jiddu Oromiyaatti kan argamtu yoo ta'uu, kutaalee dhihaa fi baha walitti qabsisti. Zoniin kunii kibba fi kibba-dhihaan Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaa, dhihaan Shawaa Dhihaan, kabba-dhihan Shawaa Kaabaan, kaabaan Naannoo Amaaraatiin, kabba-bahan Naannoo Affaar, kibba-dhihaan Arsiin marfamtee kan argamtu yoo tatuu, dhumaa dhihaa ishettiin Laga Bilaattee qabachuun beekamti. Magaallan beekamoo Shawaa bahaa kessatti argaman Adaamaa, Bishooftuu, Matahaaraa, Shaashamaannee fi Baatuu.
Yaada badaa mukni isaa irraa ciramee badee midhasuu irraa ka'amee, Biiroo Qonnaa fi Misooma Baadiyaa godinichaa (Zonal Agriculture and Rural Development Office) guyya Onk. 2, 2006 irratti mukaa hangaa miliyoona 36.3 ta'uu, annolee godina Shawaa bahaa 10 keessatti, lafa heektaara 4,000 ga'u irratti dhabuu danda'eera.[1]
Gabaasa Abbaa Taayitaa Instaatistiiksii (Central Statistical Agency) irraa bara 2005 GC akka ibsutti, godinni kuni tilmamaan bayyina ummatta 2,475,945, yoo qabaatu kana keessaa 1,246,576 dhiira yoo ta'an kan hafan yookan immo 1,229,369 immo dubraa dha. Bayyina ummatta oliitii ibsame keessaa parsentiin 32.1% yookan namni 794,683 badiyya alla jirrattu. Ballina lafa tilmamaan 13,624.09 square kilometers ta'u keessatti tuuta'insa uummataa Shawaa Baha tilmamaan 181.73 people per square kilometer ta'a.[2]
Akka Baankii Addunyaa meemoraandamii gaafa Caamsaa 24, 2004 akka ibsutti, parsentiin 9% jirattotta Shawaa Bahaa elektrikii ni fayyadatamu, akkasumas baayyinni karaa konkolaataa godina kanaa 54.7 kilometers per 1000 square kilometers yoo ta'u (kunis yoo kiilomeetira 30 kan biyyaa wajjin yoo walitti madalaan)[3], akkasumas avireejjiin abbaa manaa badiyya tokko heektaara lafa 1.2 (kunis heektaara lafa biyyaa 1.01 fi heektaara lafa Oromiyaa 1.14 wajjin yoo walitti madalamu[4], akkasumas avireejjiin abbaa manaa baadiyyaa tokko mataan horii mana hanga 1.0 qaba. Parsentiin 14.5% ummata, namota qonnaa malee jiratan yoo ta'an, kunis yoo kan biyya parsenti 25% fi kan Oromiyaa 24% wajjin yoo walitti madallan. Ijollee barachu danda'an keessa parsentiin 61% mana barumsa sadarka tokkoffati galma'ani argamu, akkasumas parsentiin 19% mana barumsa sadarka lammaffatti galam'ani argamu. Parsentiin 21% godina kanaa busaaf saaxilamaa yoo ta'an, 49% immoo Tsetse flyiif bana jiruu. Meemoraandamiin godina kanaa balaa qillensa gogaa (risk of drought) qabachun qabxii 372 kennaaf.[5]
Aanolee Shawaa Bahaa | |
Ada'a | Adaamii Tulluu fi Jiddoo Kombolchaa | Boora | Boosat | Dugdaa | Fantaallee | Gimbichu | Liiban | Loomee | Magaalaa Baatuu | Magaalaa Bishooftuu | Naannawa Adaamaa |
Godinaalee Oromiyaa[1][2] |
Arsii | Arsii Dhihaa| Baale | Baalee Bahaa | Harargee Dhihaa| Harargee Bahaa | godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne | Shawaa Bahaa | Shawaa Kaabaa| Shawaa Kibba Lixaa | Shawaa Dhihaa | Qeellam Wallagaa | Wallaga Bahaa | Wallagga Dhihaa | Horroo Guduruu| Boorana| Gujii | Guji Dhihaa | Iluu Abbaa Booraa | Buno Baddallee | Jimmaa |