Iluu Abbaa Booraa | |||
| |||
File:Godinaalee Oromiyaa.png Godinaalee Oromiyaa | |||
Biyya: | Itoophiyaa | ||
Naannoo: | Oromiyaa | ||
Magaalaa Guddaa: | [[]] | ||
Baayyina ummataa: | |||
Tuuta'insa ummataa: |
Iluu Abbaaboor godina Oromiyaa keessa jiran keessaa tokko dha. Daangaan Iluu Abbaabooraa kibbaan Saba fi Sab-lammoota Ummattoota kibbaan, kibba-dhihaan mootummaa naannoo Gaambeellaa, dhihaan Baha Wallaggaa, kaaban mootummaa naannoo Benishangul-Gumuzii fi bahaan Jimman marfama. Aanoleen Iluu Abbaabooraa kessatti argaman Beddeellee, Goree fi Mattuu jedhamu.
Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa(Central Statistical Agency) akka barreeffama Abbaa Tayitaa Bunaa fi Shayii Itoophiyaa (Ethiopian Coffee and Tea Authority) irratti hunda'ee akka gabaasetti toniin buna hanga 14,855 ta'u bara dhumaa 2005tti akka asitti oomishama. Kuni immo ba'ii Oromiyaaf parsentii 12.9% yoo ta'u, Itoophiyaaf parsentii 6.5% ta'a.
CSAn akka 2005tti ibsetti, godinni kuni bayyinaa ummatta walii-galatti hanga 1,197,156 yoo qabattu kana keessaa 587,134 dhiira yoo ta'an 610,022 immo dubra. Kana keessa 143,577 yookan parsentii 12% kan ta'an magaalaa keessa jiraatu. Ballina lafa tilmaaman hanga 16,555.36 square kilometers ta'u kessatti, Iluu Abbaabooraa tilmaaman isquweer kiilomeetirii tokkorratti nama hanga 72.31 (population density) ta'u qabbu.
Akka Caamsaa 24, 2004 Baankii Addunyaa(World Bank) memorandamiitti, parsentiin 9% jiraattota keessaa elektrikii fayyadamu. Godinni kuni road density 43.2 kilometers per 1000 square kilometers (averegii biyya wajjin yoo walitti ilallani immo 30 kilometers ta'a). Avirejjiin abba mana baadiyya tokko hektaara 1.1 lafa yoo ta'u, mattan horri hanga 0.6 qaba. Parsentiin 14.7% ummatta hojji qotee bulaa ala ta'en jiratu (yoo walitti madalanni immo avirejjii biyya keessaa parsentii 25% fi avrejjii Oromiyaa keessaa parsentii 24% ta'a. Parsentiin 84% ijoollee mana barumsaa sadarkaa tokkofatti argamu akkasumas parsentiin 23% mana barumsaa sadarka lammaffatti argamu. Memorandumiin godina kanaf rakkoo qillensa hamanni qabamu qabxii 296 kennaffi.
Godinaalee Oromiyaa[1][2] |
Arsii | Arsii Dhihaa| Baale | Baalee Bahaa | Harargee Dhihaa| Harargee Bahaa | godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne | Shawaa Bahaa | Shawaa Kaabaa| Shawaa Kibba Lixaa | Shawaa Dhihaa | Qeellam Wallagaa | Wallaga Bahaa | Wallagga Dhihaa | Horroo Guduruu| Boorana| Gujii | Guji Dhihaa | Iluu Abbaa Booraa | Buno Baddallee | Jimmaa |